Sudaan Kibbaa keessatti mormitoonni Pirezidaantii Saalvaa Kiir labsii dhiheenya kana ragga’e ergamtoota nageenya mootummaaf aangoo garmalee kenna jechuun yaaddoo qaban gara paarlaamaatti akka deebisan barbaadu.
Qeeqxonni labsii kanaa akka jedhanti Tajaajilli Nageenya Biyyaalessaa ajaja man a murtii malee shakkamtoota to’annaa jala oolchuu fi to’annaa jala oolchuu fi hidhuu kan hayyamu yoo ta’u, kanaanis mormitoota fi falmitoota mirga lammiilee irraa mormii ka’u akka ukkaamsan ni dubbatu.
Sudaan Kibbaatti daayreektarri olaanaa Giddugala Nageenyaa fi Abukaatummaa Ter Manyang Gatwech akka jedhanti, tumaaleen labsii kanaa paartii kamiyyuu osoo hin ilaalin lammiilee hunda balaadhaaf saaxiluu isaan falman.
Warri raggaasisan hawaasa siivikii, lammiilee idilee fi falmitoota mirga namoomaa irratti kan xiyyeeffate ta'uu danda'a, garuu kun akkas miti. Pirezidaantichi wixinee kana gara paarlaamaa deebisee akka fooyya'u nan gaafadha jedhan.
Haa ta’u malee, miseensonni mana maree Sudaan Kibbaa tarkaanfii kana deeggaran tokko tokko biyyattii seera cabsitoota irraa eeguuf barbaachisaa ta’uu dubbatu.
Imbaasiiwwan hedduun wixinee kana mormuun, tumamuun isaa yeroo murteessaa Sudaan Kibbaaf ta’etti bilisummaa lammummaa fi siyaasaa daran akka daangessu akeekkachiisaniiru.
Falmiin kun akkuma itti fufee jiruutti qooda fudhattoonni Sudaan Kibbaa keessaas ta’e biyya alaa keessa jiranii, barbaachisummaa lammummaa kunuunsuu fi mirga namoomaa kabachiisuu cimsanii dubbatu.
Forum