WAASHINGITAN, DIISII —
Hiriirtonni mormii dhibbaan laka’aman kaleessa erga humnootiin nagaa eegsisan hiriirtota ja’a shanan isaanii barattoota ta’anitti dhukaasuun jjeesanii booda Al obeid keessatti hiriira mormii geggeessanii jiru.
Kanneen dhaadannoo dhageessisan hirpha hin barbaannu, dhiiga dhiigaan deebisna jechuu isaanii Agence Frane Presse gabaaseera.
Mormiin sun gariin daabboo ittiin bitatan akkaan dabaluu isaatti aansee ture. Humnootiin nagaa eegsisan hiriira sana bittimsuuf jecha dhukaasuu dhaan namoota ja’a ajjeesanii hedduu madeessanii jirn. Magaalattii keessatti uggurri sa’aa fi labsiin yeroo hatattamaa labsamee jira.