Waraannii Sudaan fonqoolcha mootummaa baatii Onkolooleessa keessa gaggeesseen aangoo eega qabatee booda labsii yeroo hatattamaa hojii irra olaa ture ka’u isaa eega labsee booda gadhiifaman.
Koreen rogeessotaa kan Immarjansii laawyeers jedhamuakka jedhutti, namoota gadhiifaman kana keessa rogeessoota 24 kanneen waraana mormuun sochii gaggeeffame keessa turan kan poort sudaan irraa yoo ta’an kanneen biroon 39 Kaartuum fi naannoo ishee irraa kan hidhaman turan.
Bulchaan Sudaan kan humna waraanaa Jeneraal Abdel Fattah Al-Burhaan Dilbata dabree labsiin yeroo hatattamaa ka’u labsuun kunis biyyatti keessatti marii jalqabuu yaada jedhu jajjabeesuuf ta’u beeksiisaan.
Ta’uus garu roogeeyyyiin sudaan keessaa kun biyyatti keessaatti jijjiirama argamsiisa isa jedhu ija shakkiin ilaaluu.Kunis mootummaa sivilootaa argamuu qab gaaffii jedhuuf mootummaan irree waraanaa deebii kennuu danda’aa jedhu.
Mahmood Usman Saaleh abukaatoo waa’ee mirga dhala namaa kutaa Daarfuur irraa akka jedhanti mootummaan fedha isaan labsii yeroo hatattamaa hin kaafne. Lammiwwan sudaan kuma hedduun daandilee irratti hiriiruun jijjiiramnii caasaa siyaasaa akka argamuuf gaaffii dhiyeessuu isaanii fi moormiin itti fufuutu dhiibbaa irraan ga’e jedhu