Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiittaa Mirga Namoomaatu Nu Irratti Rawwatame


Gaazexxeesoota Siwiidiin
Gaazexxeesoota Siwiidiin
Bulchiinsa naannoo Ogaadeen keessa sosso’aa kan jiru Adda Bilisummaa Biyooleessa Ogaadeen waliin ehama tokko malee daangaa Itiyoophiyaa seenanii qabaman kan jedhaman gazexxessonni lammii siwiidiini lama manni murtii olaanaan hidhaa waggaa kudha-tokkoo mata mataatti erga irratti muree booda waggaa haaraa Itiyoophiyaa kan bara 2005 irratti dhiifamaan gadhifamanii jiru.

Gazexxessonni Yohaan Parshiin fi Maartiin Shiibiiy jedhaman kun Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsa kennaniin attamitti akka qabaman dararaa nu irratti rawwatame jedhan ibsanii jiru. Kana malees yakka ilaalcha mannni murtii isaan irratti gaggeesse attam akka ture, seera farra shoroorkeessummaa kan Itiyoophiyaa akkasumas yaada ofii ibsuuf mirga heeraan kenname ukkaamamuu isaa kan ilaaleen ibsa bal’aa kennanii jiru.

Gazexxessonni lameen sabaa himaa adda addaa irratti ibsa kennan irraa ka’uun ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa ibsa baaseen, haala gaarii keessaa turanii gara laafinaan akka hikaman eega godhamee booda waan dogoggorsaa akkasii dubbachuun isaanii waan ofumaa ol-fudhamee afarfamee fi maal-dhibdeen kan ta’e ittiin jedhee jira.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame armaan gaditti dhaggefadhaa

gabaasa guutuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:51 0:00
Xurree marsariitii


gabaaa guutuu kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:59 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG