Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taaliibaan Lammiwwan Afgaanistaniif Waamich Dhiyeesse


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Lammiwwan Afgaanistaan kanneen waggoota hedduuf kan amma biyyatti gadhiisanii ba’aa jiran Yunaaytid Isteetes fi Neetoof hojjataa turan biyya isaanii wal waraansaan caccabdee gadhiisanii akka hin baanee Taalibaan gaafatee jira.

Taaliibaan Wiixata har’a waamiicha kana kan dhiyeessee, lammiwwan Afgaanistaan kuma hedduu kanneen irra hedduun isaanii turjumaana ykn afaan hiikuuf Amerikaa fi biyyonni michuu ishee ta’aniif hojjataa turan lootee seentoonni haaloo nu irratti ba’u jechuun sodaatanii Vizaa Amerikaa argahuuf carraaqaa jiru.

Jireenya isaanii isa duriitti deebi’uu akka danda’an akkasumas ooguuma qabu yoo ta’e immo biyya isaanii akka tajaajiilan Taalibaan gaafatee jira.

Taaliibaan barreeffama Gaazeexxessootaaf ergee fi marsariitii ofii irratti har’a maxxanseen, karaa keenyaan balaan isin irra ga’u hin jiru jedhe.Amerikaa fi biyyonni wal taatoota ishee ta’an hanga Fuulbaana 11tti humnoota isaanii Afgaanistaan keessatti hafan baasuuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG