Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taanzaaniyaan Hoogganoota Gareelee Mormituu Hiitee Turte Gad Dhiiste


Hogganaa Paartii Mormityy CHADEMA, Friiman Imbowee oggaa kaleessa to'annaa jala oolfame, Daar es Salam, Fulbaana 23, 2024.
Hogganaa Paartii Mormityy CHADEMA, Friiman Imbowee oggaa kaleessa to'annaa jala oolfame, Daar es Salam, Fulbaana 23, 2024.

Hoogganoonni garee mormituu Taanzaaniyaa beekamoon erga mormii uummataa Daare Selaam keessatti geggeessame dhorkuuf poooisii dhaan to’annaa jala oolanii booda, Wixata kaleessaa galgala gadhiifamuu isaanii paartiin isaanii ibsee jira.

Uggurri sirnaa jiraatus, paartiin mormituu Chadeemaa miseensonni isaa humnootii naga eegumsaan ukkaamsamanii butamuu fi ajjeefaman erga jedhee booda hiriirri mormii sun akka itti fufu dhaadate.

Poolisiin guutuu magaalattii keesssa wal ga’ii geggeessamu ittisuuf ujummoo bishaanii qopheessee eegaa kan ture yoo ta’u, Dura taa’aan paartii Chaadeemaa Freeman Mboowee fi itti aanaan isaanii Tunduu Lissuu battala kanneen biroo kudhanii waliin to’annaa jala oolan.

Wixata galgala, paartichi fuula miidiyaa hawaasaa “X” irratti akka beeksistti Mboowee fi Lissuu akkasumas miseensonni paartichaa gameeyyiin wabii dhaan gad dhiisamaniiru.

Haa ta’u malee, Mboowee hanga miseensonni kanneen biroo fi deggertooni isaanii wabii dhaan gad dhiisamanitti buufata poolisii turuuf murteessuu isaanii Chaademaan beeksisee jira.

Paartichi, Mootummaan prezidaant Saami’aa Huluuhuu Hassan akkuma prezidaantii isa dura ture kan Joon Magufulii, biyyattii keessatti tooftaa dhaan hacuucaa geggeessuutti deebise jechuun himate.

Hassan aangoo kan qabatan Bitootessa bara 2021 du’a akka tasaa kan Magufuulii booda yoo ta’u, duraan ilaalcha madaalawaa kan qabuu fi hiriira mormitootaa fi miidiyaa irra uggura ture kan kaasu fakkaata ture.

Mbooween, hiriira mormii geggeessuun mirga heerri nuuf kenne yoo ta’u, poolisiin humna hammaa ba’aa gargaaramuu dhaan uummata doorsisee walabummaa keenya ukkaamse jechuu dhaan Wixata utuu poolisii dhaan hin fudhatamin tuuta oduuf ibsa kennuu isaanii viidiyoo marsariitii paartii isaanii irratti maxxanfame irraa hubachun danda’ameera.

Gareeleen mirga namaa fi Yunaayitid Isteetisiin dabalatee mootummoonni gama dhiyaa, filannoo naannoo kan baatii Sadaasaa keessa akkasumas filannoo walii galaa xumura bara 2025 geggeessamu dura hacuuccaan jiru haara’uu isaa qeeqaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG