Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tajaajiila Ambulaansii fi Dawaa Haaraa Argame


Waldaan fannoo dimaa kan itiyoophiyaa konkolaataa tajaajiila Ambulaansii kennan 34 waajiroota damee bulchiinsoota naannoolee adda addaa ja’aa keessaa qabuuf raabsee jira.

Waldaan kun lammiwwan biyyattii kuma dhibba sadii ta’aniif waggaa waggaan tajaajiila Ambulaansii kan kennu ta’u beeksisee jira.

Gama kaaniin talaaliin gara Afrikaa fi biyyoota dhukkubaan miidhaman ka birootti ergamaa turan sababaa meeshaan talaalii kana keessatti qabbaneessan ykn Frijiin hin jirreef jecha tajaajilaan ala ta’aa turan.

Amma garu dhukkuba morma googsaa ykn Meniinjaaytis A jedhamu ittisuuf talaaliin kennamu kan haaraa argame ho’a qilleensa dandamachuu kan danda'uu ta'uun ibsamee jira.
XS
SM
MD
LG