Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ugguura Kooviidiif baastan kaasaa, Talaalii Fudhachuun Dirqama Ta’u Hin Qabu - Hiriirtoota 


Mormii hiriirtonni gara waashingitan Diiisii odoo in imalin dura Kaalifoorniyaa magaala Adelantootti geggeessan, Guraandhala 23, 2022
Mormii hiriirtonni gara waashingitan Diiisii odoo in imalin dura Kaalifoorniyaa magaala Adelantootti geggeessan, Guraandhala 23, 2022

Konkolaataan fe’umsaa, kan bashannanaa fi kokolaataawwan ka biroon dhibba hedduun Dilbata kaleessaa handaara magaala Waashingtan marsaa kan turan yoo ta’u, dhukkuuba KOOVIID kan ilaaleen ugguura ka’amee mormuun, muddamsa Tiraafikaa uumuuf magaala Waashiingtan keessatti kan uuman ta’u sodaachisaa jiran.

Jimaataa fi Sambata dabree kokolaataan dhibba hedduun Magaala Waashingtan irraa Kiloo Meetra 129 fagaatee kan argamuu bakka dorgommiin kokolaattootaa gaggeeffamu isa (Hageres town speed way) jedhamu kan kutaa Meerii laand keessatti walitti qabamanii turan.

Dilbata kaleessaa immo, heduun isaanii daandilee gurguddaa fi ariitii guddaa irra ofan kan magaala Waashiingtan marsan irra ofaa turan.Fingee konkolaataa isaanii afuufaa ennaa turanti, namoonni ilaalaa turan immoo alaabaa Amerikaa mirmiirsaa turan jedhamee jira.

Talaalii fudhachuun dirqama ta’u fi ugguura kanneen biroo weerara dhukkubaa irttisuuf ba’an torbanneen dhiyeenya kanaaa keessa hanqataa kan deemee yoo ta’u, magaalaalee gurguddoon kan Yunaaytid Isteetes dirqama Maaskii Ka’achuu fi seera dhukkuba KOVIID-19 waliin walqabatanii ba’anii turan laaffisaa jiru.

Prezidaant Baaydiin haasawaa biyyooleessaa kan waggaa Kibxata dabree dhageesisan irratti, biyyi isaanii daldalaa adda addaa, manneen barnootaa fi tajaajiila guyya guyyaa ituu hin jeeqamiin weerara dhukkubichaa keessummeessuu haala dandeesisuu seentee jirti jedhanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG