Xurree ittiin seenan

Breaking News

Talaalii Haaraan Argame,Kittaannaan Hafuu Qaba Jedhame


Talaalii haaraan dhukkuba morma gogsaa ykn "mananjaaytes" jedhamu deebi’ee akka nama hin qabne ittisuu danda’uu argamuun isaa labsamee jira.Talaalii haaraan “MenAfriVac” jedhamu kun yeroo duraaf addumattu Afrikaaf kan hojjatame yoo ta’u, takkaa waraanannaan waggaa kudhaniif dhukkuuba kana nama irraa ittisa.

Biyyonni Afrikaa 25 kanneen dhukkuba kanaan miidhamaa jiran seneegaalii qabee hanga Itiyoophiyaa kan ga’an ta’uun ibsameera.

Gama kaaniin lubbu shamarran Afrikaa, Eshiyaa fi giddu galeessa bahaa irratti sodaa guddaa kan uume dhanna qabaa ykn kittanaan akka hafuuf jaarmayonni sadarkaa adunyaa waamicha dhiyessaa jiru.

Durbaa fi dubartonni adunyaa irra jiran kanneen miliyoona 100 hanga miliyoona 100 fi miliyoona 40 ta’an, sababaa kittaannaa kanaan kan ka’e rakkoo adda addaaf saaxilamanii jiru.

Aadaan kun keessumaa biyyoota Afrikaa 28 keessatti itti fufee jira.Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG