Xurree ittiin seenan

Breaking News

Talaalii Vaayrasii Koronaa fi Afrikaa 


Dubartii talaallii vaayrasii koronaa fudhachaa jirtu, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 29,2021.
Dubartii talaallii vaayrasii koronaa fudhachaa jirtu, Afrikaa Kibbaa, Sadaasa 29,2021.

Kan gargaarsaan argamee Talaalii KOOVIID-19 ittisuu Afrikaa keessatti raabsuuf jaarmayoonni hojjatan sadii Wiixata har’a akka jedheetti, gargarsii talaalii kennamuu foyyeefamuu qaba.

Akka n]kanaaniis baatii Amajjii bara 2022 kaasee talaaliin arjooman irratti ulaagaan guutamuu qaban gaafatanii jiru. Kunis talaalii kennan hedduumiina akka qabaatu kunis gatii bittaa fi gurguurtaa hanqisuuf akka gargaaru ibsanii jiru.

Kan biraa immoo, talaaliin kun biyya itti raabsamuu eega dhaqqabee booda, yoo xiqqaatee guyaa 10 turuu akka danda’uutti qopheessuu, akkasumas talaaliin kun ergamuu isaa biyyonni fudhatan torban 4 dura akka beekan gochuu kan jedhu of keessaa qaba.

Kana malees biyyonni arjooman odeeffannoo barbaachisuuf deebii hatattamaa akka kennan gaafatan.Odeeffannoon sa’atii dhumaa irra dhufan deemsa jiru caalaatti wal xaxaa akka taasiisan,kunis gatii fi umrii talaaiichii hojii irra ooluuf qabuu fi mancaatii olchuuf gargaara jedhamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG