Xurree ittiin seenan

Breaking News

Talibaan Magaalota Afgaanistan Hanga Tokko To’atee Jira


Taliban magaalaa Gaaznii kan qabatan yoo ta’u, kunis magaalaa galma mootummaa biyyattii Kabulitti isaan butee jira.
Taliban magaalaa Gaaznii kan qabatan yoo ta’u, kunis magaalaa galma mootummaa biyyattii Kabulitti isaan butee jira.

Lootee seentonni Taliban magaalaa tarsiimoo fi barbaachistuu taate kan kibba gama bahaa jirtu Gaaznii kan qabatan yoo ta’u, kunis magaalaa galma mootummaa biyyattii Kabulitti isaan butee jira.

Humnoonni mootummaa Afgaanistaan lootee seentummaa hammaataa adeeme kan torbaniif ture dura dhaabbachuuf qabsaa’aa kan turan yoo ta’u, kunis Taliban yoo xiqqaate konyaalee biyyattii 34 keessaa 10 to’atu carraa kenneef. Ka biros qabachuuf itti adeemaa jiran.

Gaazniin naannoo daandii guddaa Kaabuulii fi Kandahaar wal agarsiisu irra jirti. Konyaa gama kibbaa magaalaa guddoo biyyattii waliin kan wal agarsiisu yoo ta’u, aadaa dhaan qabiyyee Taliban ture.

Bulchaan Gaznii Mohammad Daud Lagmaanii angawoota mootummaa ol aanoo ka biro waliin naannoo sana dhiisanii gara Kaabulitti qajeeluu isaanii dura Taliban waliin walii galtee harka kennuu irra ga’uu isaanii hoogganaan gumii konyaa sanaa har’a ganama ergaa tweeter maxxansaniin beeksisaniiru.

Ministeerri dhimma biyya keessaa kan Afgaanistan booda irra tuuta oduuf akka mirkaneessanitti Lagmaanii fi waahiloonni isaanii gara magaalaa galma mootummaatti utuu himalaa jiranii karaa irratti to’annaa jala ooluu dhaan qoratamaa jiran jedhan.

Gaaniin lola malee gad dhiisuun waraana filannoo male hambise. Talibaan balbala irra ga’ee jira. Kanaaf magaalaa guddoo keessatti lolli akka hin geggeessamne itisuun baay’ee barbaachisaa dha jechuu dhaan gorsaan mootummaa Afgaanistan duraanii fi xiinxalaa kan ta’an Toreek Faraadii dubbataniiru.

Dubbi himaan ministrii ittisaa Yunaayitid Isteetis tuuta oduuf Washington keessatti kaleessa ibsa kennaniin Yunaayitid Isteetis haalli nageenya Afgaanistaan keessaa gad adeemuu isaa quba qabdi jedhan. Amma qiyyaafati keenya humnootii Afgaanistanin hanga danda’ametti qilleensa irraan deggeruu akkasumas gamasii ba’uu keenya haala sirnaawaa fi amansiisaa ta’een xumuruu dha, sanas xumura baatii kanaatti raawwachuuf jirra jedhan Joon Kirby.

Gama biraan embasiin Yunaayitid Isteetis kan Kabul keessaa har’a gocha seeraan ala miseensota mootummaa Afgaanistan, sivilotaa fi angawoota naga eegumsaa hidhuu isaa balaaleffatee jira. Ibsi embasicha biraa ba’e, hidhamtoonni sun battala akka gad dhiisaman gaafachuu dhaan maddeen qabatamaa ta’e hedduu maqaa dha’uu dhaan namoonni naannolee hedduu keessatti hidhamuu tuqee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG