Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tapha Eglish Premier league Manchester United Arsenalii fi Chelsaatti dura jira.


Gannatti doolara miliyoona hedduutti itti bahe,haga ammaatti goolii dhibba hedduutti galee,gabayaan taphattoota kubba miilaa English Premier League oowwaa deemamatti jirti.Tapha dorgommii kubbaa miilaa Eglish Premier league ka baranaa kana irratti garee 38 taphachuutti jira.Gareen Machester United akkuma amala ufii kaan goolii 63 galfattee dura jirti,Arsenaali 58tiin itti aanti,Cheelsaa 54iin faana jirti,Manchester City-n ammo 53 jaluma jirti.

Akkuma jabaa duuba jabaatti jiraa jedhan kaanii, garee tana miila eennuu faatti gooli galcheef yoo jettan; garee Manchester keessaa Bervatov goolii 20, Tevez garee Arsenaalii goolii 18,garee New Castel ammo Carrol goolii 11 fi ,Bentii Machester City goolii 11 galchanii gareen isaanii badhaasan.

Akkuma taateefuu dorgommiin 2010 keessa jalqabde tun amma dhumachaa dhufuutti jirtii laakkuma isiin dhumachuutti dhiyaattuun gabayaan jara kubbaa tana tapahatuu dabalaa deemuufiitti jirti.

Gama kanaanin ammoo tapha dorgommii kubbaa miilaa Afrikaa ta ganna dhufu taphataniif gareen Naayjeeriyaa garee Itoophyaa 4-0 dhaantee dorgommii bara dhufuu keessaa baafte.Botswaanaan waan duraan hin tahin dorgommii tana marroo itti aanutti dabarte Masriin,ta tapha Afrikaa ka akkanaa moohachuun beekmatu taan bara kana hin taaneefii,isiilleen tapha ganna dhufuutti hin dabarre.

Mee qophii tana MP3 tana irraa caqasaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG