Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taphii 'English premier league' oowwaa deemuutti jira.


Gama kaaniin immoo as Yunaayitid Isteets irraa atleet Gurmeessaa Magarsaa Fiigicha Kiilo-meetira 21 mo'atee badhaafame.

Arsenaall,Chelsaa, Manchester, Maadrid,Blaakbern dabalatee walumatti gareelee 20 tu Hagayya 10-2010 jalqabee dorgommii dorgommii kubbaa miillaa biyya Inglaand ka "English Premier Legue" jedhamuun beekamutti jiran.Gareen tokko tapha kana marroo 38 gareen 20n walumattuu marroo 380 tapahchuuf itti jiran.

Taphni kun Ingilaand keessatti tapha hedduu beekamaa, doolaarri biiliyoonni hedduun itti baatee fi nami hedduun jaalatu. Dorgommiin akkana ta ganna 2008-2009 qopheessuuf gara doolara biliyoona 2 fi kuma 87tu itti bahe.Taphii haga ji’a sagalii taphatan kun odoo sanbta lamaan yokaan guyyaa boqonnaa lamaan tapahtanuu ganna dhufutti dabra.

UK, biyyitii taphii kubbaa miilaa macheessee yoona maan fakkaatti? Obbo Jaatanii bulee nama magaalaa Bolton jiraatu. “Taphaan duratti abbuu sunitti dabsata,suni mitii kanatti galataan jechaa namuu horii qabsiisee taphatan,yoo achii bahan ammoo namuu maraatuma …wal lolaa, ufiin lolaa baha . .. wanninuu gabayaa maraataa fakkaatti, ”jedha. Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Gama kaaniin ammoo as Yunaayitid Isteets keessa ka jiraatu atileet Gurmeessaa Magarsaa fiigicha km 21 fi km 5, ka kutaa Merilaand keessatti geggeessame moohachuun waancaa fudhate. Gurmeessaan nama biyya keessaa fi biyya alaalleetti dorgommii akka akkaa dorgomaa ture. "Dorgommii MD tanatti nama haga 3000 hirmaatee dorgome" jedha.Abbaa warraa ganna 30 keessa jiru, atileet Gurmeessaan. Gaaffii fi deebii isa waliin geggeessine illee fuuluma kana irraa MP3 dhaggeeffachuu dandeessu

Mee marii qophii Ispoortii irratti Magarsaa dubbisnee fi tapha kubbaa miilaa “English Premier league” irratti obbo Jaatanii Bulee dubbifne MP3 irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG