Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tarkiin Siriyaa Gama Kaabaa Keessaa Kurdoota Baasuuf Haleellaa Jalqabdee Jirti


Turkey US Syria
Turkey US Syria

Waraanni Tarkii sagantaa yeroo dheeraaf itti qophaa’aa tureen Siriyaa cabsee seenuun humnoota kurdootaa kan Ankaaraan shoroorkeessoota ittiin jette baasuuf duula jalqabuu isaa aangawoonni waraana Tarkii beeksisanii jiru.

Garu biyyonni gama dhiyaa gareen amma shoroorkeessoota jedhame kun duula farra shoroorkeessummaa gaggeffamu keessatti michuudha jedhanii ilaalu.

Prezidaantiin Tarkii Recep Tayyip Erdogan Duulli kun har’a Jalqabamuu kan labsan yoo ta’u kunis nagaa fiduuf akkasumas harcaatuu shoroorkaa kanneen Tarkii irraatti soda ta’an irratti dhabamsisuuf ta’u dubbatan.

Waayit Haawuus haala hin eegamiiniin Yunaaytid Isteets Kutaa sana keessaa humnootii ishee akka baaftueega beeksiisee guyyaa muraasa booda waraanni Tarkii duula waraanaa kana gaggeessuu jalqabe.

Tarkiin samii irraa magaalaa Ras al-Ayn isa karaa daangaa Siriyaan jiru haleelaa akka jirtu qabsaaa’onni ibsanii jiru.Aarrii guddaan kan mul’atu ta’u fi kan kurdootaan hogganamuu humnootiin Demookraatawaa Siriyaa xayyaaronni waraanaa kan Tarkii samii irraa nannoo sivilonni jiraatan haleelaa waan jiraniif rifaatuu guddaatu jira jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG