Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kutaa Teksaas Bakka Ijoolleen 19 fi Barsiisonni 2 Qawween Dhumanitti Korri Falmitoota Mirga Qawwee Hidhachuu Banamee Jira  


Mana barnootaa sadarkaa tokkkoffaa Roob, magaalaa Uvaald, Teksaas
Mana barnootaa sadarkaa tokkkoffaa Roob, magaalaa Uvaald, Teksaas

Kutaa Teksaas, magaalaa Uvaald, mana barnootaa sadarkaa tokkkoffaa “Robb” jedhamu keessatti mucaan soolanni tokko dhukaasa banee ijoollee 19 fi barsiisota lama ajjeesee otuu guyyoota baay’ee hin turiin Waldaan Hidhattota Qawwee biyyaalessaa, “National Rifle Association” jedhamu, kora isaa waggaa achuma Teksaas, magaalaa Hiyusteen keessatti Jimaata har’aa banachaa jira.

Bulchaan kutaa Teksaas, Greeg Aboot, kan silaa baninsa walga’ii har’aa irratti haasawa dhageessisu jedhamee karoorfamee ture, walga’icha irratti argamuu dhiisuun gara magaalaa ajjeechaan keessatti raaw’atamee gara Uvaalditti imalu, jedhamee jira.

Garuu, prezidaanrtiin Yunaayitid Isteetis duraanii, Doonaald Traamp, walga’ii falmitoota mirga hidhannoo qawwee guyyoota sadi’iif turu kana irratti akka argama karoorfamee jira. Aangawoonni akka jedhanitti, otuu polisiin mana barnootaa sana dhaqqabee, kutaa afurannaa ajjeechaan itti raaw’atetti girrisanii hin seeniin ka barnoota isaa sadarkaa lammaffaa addaan kutee ture Raamoos daqiiqaa afurtamaa hanga sa’atii tokkoo mooraa mana-barnootichaa keessa ture. Jiraattonni naannoo isa arganillee akka poolisiin itti seenee, gochaa yakkaa sana oolchu itti iyyaa turan – jedhama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG