Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigiraay Keessatii Beellii Hammaate


Faayilii - Haadha lola Tigraay dheefitee Sudaan jirtu da'imman ishii reefu dhalatan wajjin, Sudaan Muddee 15, 2020
Faayilii - Haadha lola Tigraay dheefitee Sudaan jirtu da'imman ishii reefu dhalatan wajjin, Sudaan Muddee 15, 2020

Haalii midhaan nyaataa Tigiraay keesaa jiru sadarkaa hamaa irra ga’uudhaan namoonni du’uu jalqabuu isaanii dhaabbannii Midhaan Nyaataa Adduunyaa, WFP-n akeekachiiseera.

Dhaabbanii mootummoota gamtoomanii namoonii 350,000 waan haala beelaa keesa galaniifii gargaarisii atattamaa godhamuufii baannaan hedduun isaanii akka du’uu danda’an himeeraa.

Dhaabata mootummoota gamtoomaniiti qaamnii dhimma ijoollewanii hordofu UNICEF akka jedhutii namoottan balaa beelaatiif saaxilaman keessa 300,000 ijoollewan heduu beelaan hubamaniidha.

Ji’a Bitootesaa darbe keessa muummeen Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad hojjatoonni dhimma namoomaa daanqaa malee akka bakkeewan waraansaan midhamanii keessa socho’anii nama gargaaruu danda’an dubbatnii turan. Haata’u malee akka qindeessan atattamaa Dhaabata midhaan nyaataa addunyaa Toomiyi Thoompson jedhanitii jechii mummee ministeeraa ojii irra hin oolle.

Toomiy Thompson Finfinnee iraa karaa vidiyootin akka dubbatnitii turban dhufu keessatii namoota miiliyoonii 2.6f gargaarsaa nyaata gochuudhaa karoorfatameera. Karoorii kun kan fiixaan bahu danda’u fedhiin mootummaa itoophiyaatiif Eertiraa yoo jiraateedha jedhan Toomiyi Thoompson.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG