Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessa Tajaajilli Caasaalee Qunnamtii fi Intarneettiin Hin Jiru: Jarmayoota Gargaarsaa 


Faayilii - Namoota qehee irraa buqahanii mana barumsaa keessa qubatanii jiran, Maqalee
Faayilii - Namoota qehee irraa buqahanii mana barumsaa keessa qubatanii jiran, Maqalee

Mootummaan Fedeeraalaa kan Itiyoophiyaa sochii waraanaa Tigraay keessatti baatilee 8f gaggeessaa ture battalumatti dhaabuu isaa eega labsee guyyaa tokko booda, caasaan qunnamtii Tigraay keessaa kan hin jirre ta’u kan ibsan hojjatonni gargraarsa dhala namaa, loola dhaabinsii tolfamee hojii irra oolee namota haala beela fakkaatuu keessa jiiran kuma dhibba hedduun dhaqqabuun ni dand’ama jedhanii abdataa jiran.

Loola dhaabiinsii battalumatti labsamee kun waan inni hordoofsisuu fi dhiibbaa inni qabaatu ifa miti jechuun dubbii himaan Tokkummaa Mootummootaa Steefan Juriik oduu gabaastottaaf kibxta kaleessaa ibsan.

Hojiin gargaarsaa jaarmayonni gaggeessan sababaa wal waraansaan guyyoota dhiyeenya kanaan danqamee akka ture, garu haala nageenyaa fi haallii ittiin dhaqqaban qoratamee kan itti fufuu ta’a jedhu.

Dirreen xayyaaraa Maqalee fi daandileen cufaa waan ta’eef jecha, karaa kamiin gargaarsii Tigraay seenuu akka danda’uus, waahiloota keenya kan nageenyaa fi hayyoota gargaarsa loojastikaa waliin dubbanna jedhan.

Koreen sadarkaa addunyaa kan fannoo dimaa sochii isaa Magaala Maqaleen ala gaggeessuu yeroof kan dangeesse yoo ta’u haalli garamitti deemaa akka jiru itti dhiyeenyaan hordofaa jira.

Tigraay keessa haallii jiru kan yeroo fedheetti akkaan jijjiramu danda’uu akka ta’e fi Maqalee keessatti nagaa kan fakkaatuu ta’u kan ibsan dubbii himaan jaarmayaa kanaa kan kutaa Alyona Syneenko Naayroobii irraa yoo ta’an hojjattoota keenya Tigraay keessaa qunnamaa jirra jedhan.Suqiileen banaa, namoonni daandilee irra kan adeeman yoo ta’u caasaalee qunnamtii fi intarnettiin hin hojjatu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG