Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessa Meeshaalee Eegumsa Fayyaa Galchuu Dhorkamne: WHO 


Maatii naanoo Amaaraa keessaa sababa waraanaatiin qehee irraa buqahan, Dasee, Onkoloolessa 8, 2021
Maatii naanoo Amaaraa keessaa sababa waraanaatiin qehee irraa buqahan, Dasee, Onkoloolessa 8, 2021

Jaarmayaan fayyaa addunyaa baatii Muddee darbee kana keessa bulchiinsa naannoo Afaariif meeshalee wal’ansa fayyaa meetriik Tonii 14 akkasumas bulchiinsa Amaaraa keessatti meetriik Tonii 70 raabsuu isaa jaarmayaan fayyaa addunyaa( WHO)n beeksisee jira.

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti walakeessa baatii Adoleessaa qabee meeshaalee wal’ansa fayyaa raabsuun nu hin ehamane jedhee jira.

Kunis irra deeddebi’uun WHOn gaaffiin dhiyeesse iyyu, meeshalee wal’ansa fayyaa Tigraay seensiuun hin danda’amne jedha.Silaa ituu seenee gama gargaarsa dhala namaa fi kan tajaajiila fayyaan kan gargaaru qaba ture kan jedhu WHOn, yeroo walitti bu’iinsii hamaan Siriyaa sudaan kibbaa yamanii fi kanneen biroo keessatti dhaqqabe, jaarmayaan fayyaa addunyaa fi michoonni isaa gamas seenuun lubbuu namaa baraarsuuf carraa qabu turan jedha.

Tigraay keessa garu gargaarsii dhala namaa lubbuu namootaa baraarsu akka hin senne dhorkamee jira jedheera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG