Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessatti Haallii Raabsa Gargaarsa Dhala  Namaa Gad Adeemaa Jira Jedhame


FAAYILII - Naannoo Tigraayitti kanneen gargaarsa dhihaateef hiratan, Caamsaa 8, 2021
FAAYILII - Naannoo Tigraayitti kanneen gargaarsa dhihaateef hiratan, Caamsaa 8, 2021

Haallii Itiyoophiyaa gama kaabaa keessaa kan tilmaamuuf rakkisuu fi raafamaa ta’u waahiloonni keenya kan gargaarsa dhala namaa nutti himaniiru kan jedhan dubbii himaan Tokkummaa mootummootaa Steefan Du Jaariik, Tigraay keessatti haallii gargaarsa dhala namaa gad adeemaa jira jedhan.

Kunis muddamsii jiru sochii gargaarsa dhaqqabsisuuf ta’u tokkitti kan Semeraa kaasee Abaalaan Maqalee dhaqqabu daangeessee jira.Muddee 15 kaasee kokolaataan gargaarsa fe’an Tigraay seenuu hin dandeenye jedhan.

Erga Adooleessa 12 as konkoolaataan gargaarsa fe’an 1338 qofaatu Tigraay seenee jedhaniim kunis lakkoobsa kokoolaataa gargaarsa fe’nii Tigraay akka seenan barbaannuu keessaa harka 12 gadi jedhu.

Akkuuma irra deddeebinee ibsaa turree guyyaa guyyaattigargaaarsii kokoolaataa fe’umsaa 100 guyyaa guyyaatti gargaarsa uummataaf barbaachisuu fe’e Tigraay akka seenuu barbaanna jechuun yaadachiisan.

Amajjii 3 jalqabee michoonni keenya gargaarsa nyaataa Tigraay keessatti raabsan, boba’aa Liitirii kuma 10 ta’u qofa qaban.

Gargaarsa Maqalee keessa jiru raabsuuf garu boba’aa yoo xiqqaate Liitra 60tu isaan barbaachiisa jedhan.

Jaarmayoonni Tokkummaa Mootummootaa fi kan mootummaa hin ta’iin, Tigraay keessatti gargaarsa raabsuu itti fufuuf boba’aa fi maallaqa yeroo dhiyoo keessatti hin argatan taanaa, hojii isaanii dhaabuuf akka durqaman ibsamee jira.

Waahiloonni keenya akka jedhanti jedhan Du Jaariik, uummanni amma iyyu bulchiinsa Afaar, Amaaraa fi godiina Tigraay gama dhiyaa keessaa buqqa’uu itti fufanii jiru.

Namoonni qe’e ofitti deebi’anis nyaata, bishaan, qulqulliina naannoo fi dahannaa kan barbaadan ta’uun ibsamee jira.

Jaarmayonni gargaarsaa rakkoon jiraatu iyyu, gargaarsa akkaan barbaachisaa ta’e bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti namoota kuma 33 caalaaf torban dabree dahannaa fi gargaarsa kanneen biroo kan kennan yoo ta’u kunis lakkoobsa namoota gargaarsa argatanii kuma dhibba 5 fi kuma 86n ga’e jira.

Bulchiinsa Amaaraa Afaarii fi Tigraay keessatti gargaarsa nyaataa raabsuun kan itti fufee ta’uus, isa silaa barbaachisuu irraa baayyee gad bu’aa ta’u fi bulchiinsa naannoo sadeen dhorkaa tokko malee seenuun akka itti fufuu waamicha hatattamaa dhiyeessina jedhan dubbii himaan tokkummaa mootummootaa Steefan Du Jaariik.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG