Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Tiraamp Kibxata Har’aa Halkan Walga’ii Waloo Koongiresii fi Seneetii Yunaayitid Isteestis Duratti Haasawa Taasisuuf Jiran


Kaalpitol hiil, Wiixata, Bitootessa 3, 2025.
Kaalpitol hiil, Wiixata, Bitootessa 3, 2025.

Prezidaant Doonaald Tiraamp Kibxata har’a galgala Koongreesa biyyattiif haasawaa dhageesisuuf jiru.Kunis murtee birokraasii federaalaa irra deebi’anii sirreessuuf, michoota Ameerikaa irratti taarifa cimaa kaa’uu fi deeggarsa waraanaa Yunaaytid Isteetis Yukireen akka Raashiyaa facciftuuf kennitu hunda dhaabuuf murteessan torban jaha booda har’a dubbatu.

Haasaawaan har’a taasiifamu kun, Haasawaa biyooleessaa kan prezidaantiin biyyaa waggaatti al tokko dhageesiisan isa “state of the union” jedhamu sana miti. Sababiin isaas Tiraamp baatii Amajjii keessa kakatanii aangoo waan qabataniif, mana maree Yunaaytid Isteetis keessatti akka gaggeeffamuu ta’e.

Prezidaant Tiraamp fi giti isaanii kan Yukreen torban dabree falmii ho’aa gaggeessan sana booda, Waayit Haawuus gargaarsa waraanaa Yukreeniif kennamuu rarraasee booda, michoonni biyyoota Awuroopaa haasawaa prezidaant Tiraamp itti dhiyeenyaan dhaggeeffatu.

Gargaarsi addaan cituun kun mallattoo yeroo dhiyootti Tiraamp imaammata Yunaaytid Isteetis gara Moskootti jijjiiruu isaanii kan agarsiisu yoo ta’u, kunis erga pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin erga galateeffatanii fi Yukireen waraana kana jalqabuuf itti gaafatamummaa akka qabdu sobaan yaada dhiyeessan booda.

Haariiroon Tiraamp fi Zeleniskii gidduu jiru gad adeemaa dhufuun waliigaltee Yukireen fi Yunaaytid Isteetis gidduutti qabeenya uumamaa badhaadhaa Yukireen waliin misoomsuuf karoorfame osoo hin mallatteessin haambise.

Deeggartoonni Kiiv gargaarsa gara fuula duraatiif michoota Rippabilikaanotaa kan Tiraamp Kongireesii keessa jiran irraa deeggarsa dabalataa argachuuf gargaara jedhanii abdatan.

Forum

XS
SM
MD
LG