Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tiraamp Loogii Farra Kiristaanummaa Jedhan Dura Dhabbachuuf Waayit Haawus Keessatti Waajira Amantii Akka Banan Himame


Tiraamp Loogii Farra Kiristaanummaa Jedhan Dura Dhabbachuuf Waayit Haawus Keessatti Waajira Amantii Akka Banan Himame
Tiraamp Loogii Farra Kiristaanummaa Jedhan Dura Dhabbachuuf Waayit Haawus Keessatti Waajira Amantii Akka Banan Himame

Prezidaant Doonaald Tiraamp Kamisa darbe waajjira amantii Waayit Haawus uumuun Abbaan Alangaa Waliigalaa Paam Boondiin garee hojii mootummaa federaalaa keessatti loogii farra Kiristaanummaa jedhan dhabamsiisuu irratti akka hoogganan qajeelfama akka kennan dubbataniiru.

Tiraamp sirna kadhannaa ganamaa ka biyyoolessa gamoo mana maree bakka bu’otaatti qophaa’e irratti yaada kan kennanii, haasaa isaaniitti fayyadamuun tokkummaaf waamicha kan dhiyeessan yoo ta’u, bara darbe yaaliin ajjeechaa lama erga fashalaa’ee booda hariiroon amantii waliin qaban jijjiiramuu isaa seera tumtootatti himaniiru.

Waashingitanitti ciree kadhannaa lammaffaa irratti Tiraamp sagalee caalaatti ka paartii tokko ta’een, "torban lamaan darban keessa dammaquu dhaan injifachuu isaaniif tarkaanfiiwwan Kiristaanota loogii amantii jedhan irraa eeguuf fudhataman labsaniiru.

Ergamni garee kanaa battala ilaalcha farra kiristiyaanummaa bifa kamii iyyuu kan dhaabsisuuf kan ministrii haqaa akkaan suukaneessaa ta’e, kan Tajaajila galii biyya keessaa ykn IRS fi FBI akkasumas ajensiiwwan ka biro dhaabsisa jedhan Tiramp.

Abbaan alangaa waliigalaa isaanii "hawaasa keenya keessatti jeequmsaa fi manca'iinsa farra Kiristaanummaa guutummaatti himachuuf akkasumas mirga Kiristaanotaa fi amantoota guutuu biyyattiitti falmuuf hagam iyyuu cimaa haa ta’u akka hojjetu dhaadataniiru.

Prezidaantichi ennaa haasaa isaanii farra ilaalcha Kirstiyaanaa addaan baasanii hin tuqne garuu duraan bulchiinsi Baayiden mootummaan federaalaa adda baasee kirstiyaanota irratti akka fuuleffatu taasise jechaa turan.

Tiramp gurmuu kanaa fi itti gaafatama isaa hundeessuuf kaleessa ajaja sadarkaa ol aanaa mallatteessaniiru. Kunis imaammataa fi shaakaaawwan seera cabsan jedhaman dabalata.

Bulchiisi Baayiden baatii Muddee darbee farra musiliimaa fi farra araba ilaalchisee jibbiinsa jiru akkasumas baatii Fulbaanaa bara 2023 keessa immoo farra warra Juusiitti duuluu tarsiimoo dandeessisu absee ture.

Forum

XS
SM
MD
LG