Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi filatame Doonaaldi Tiraampi Roobii Kaaleessaa Maat Witaker bakka bu’aa abbaa alangaa walii galaa duraanii Yunaayitid Isteetisiif Ambaassadara “NATO” akka taasisan ifoomseera.
Biyyoota Lixaa biratti tumsa humna waraanaa cimaa kan ta’e Dhaabbata walii galtee Kaaba Atilaanki isa NATO jedhamuun waamamu biyyoonni miseensa ta’an maallaqa ga’aa ta’e hin baasan jechuun kan qeequ Tiraampi Roobii kaleessaa bulchiinsa isa jalatti NATO tti Ambaasaddara Yuunaayitid Isteetisi ta’uun akka taajajilan bakka bu’aa abbaa alangaa walii galaa duraanii Maat Wiitaakeriin eereera. Tiraampi ibsa isaa keessattis Witaakeer ga’eessi ganna 55 nama waraanaa cimaa fi jaalalaa biyyaaf amanamaa kan dantaan Yuunaayitid Isteetisi akka tarkaanfatu taasiisuu fi Ittisu ,akkasumas michoota keenya NATO waliin hariiroo qabnu cimsuun nagaa fi tsagabbii irratti sodaawwan jiran irratti kutannoon dura kan dhaabbatu jechuun ibseera.
Tiraampi bulchiinsa isaa haaraa dhufu keessatti kaadhimaamtoota muudamtoota garaa garaa eeraa jiran akkuma dubbii ijoo ta’eeru kan Witaakeer biyyoota miseensota NATO 32 kan teessoon isaa Biraasils ta’eef akka Ambaasaddaraatti dhiyyeessan kunis haala Kanaan dura hin baratamneen ogummaan Witaakeer yeroo dheeraa nama abbaa seeraa ture malee kan haajaa alaa ykn humna waraanaa keessatti hirmannaa hin qabne eeruun isaa gaaffii kaaseera. Witaakeer himannaawwan yakkaa akka Fedraalaatti Tiraampi irratti dhiyaatan nama qeequun beekamu tarii yommuu Amajjii 20 Tiraampi gara aangoott dhufu ni haqa jedhamees eeggama.
Tirmaapi bara bulchiinsa isaa duraa keessatti biyyoonni Miseensota NATO guddina diinagdee isaanii irraa dhibbeentaa lama humna waraanaa wal ta’insichaaf hin baasan jechuun qeeqaa turaniiru. Bara 2021tti yommuu aangoo gadhiise biyyoota miseensota NATO 6 qofaatu waan irraa barbaadamu baasii humna waraanaaf kaffalaa ture. Amma garuu biyyoota 32 keessaa 23 kan kaffalaa jiran yommuu ta’u kunis erga Raashiyaan bara 2022 tti Yuukireen irratti weerara raawwatteen booda.
Forum