Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tiraampi guyyaa bilisummaa USA,Adoolessa 4 South Dakota gaarren Rushmore soodduu pirezidaantota Amerikaa biratti ulfeesse


Trump Rushmore
Trump Rushmore

Seeraa fi heera Amerikaa ulfeessina jedhe pirezidaanti Tiraampi yoo guyyaa bilisummaa Amerikaa Adoolessa 4(July 4) ulfeessuuf state ykn naannoo South Dakota gaarren soodduu bulchoota Amerikaa ta durii bira dhufe.

US ganna 244n duratti Biritish jalaa bilisoomte.Amerikaan gannuma gannaan Adoolessa 4, qaanqee facaafattee jeettii fi helikppterii waraanaa qilleensa keessa gadi lakkiftee ulfeeffatte.

Warrii godina South Dakota jirulleen kuma hedduu tahee gaarren Rushmore jalatti yaahe. Gaarren Rushmore,lafa soodduu pireizidaanota Amerikaa ta durii,George Washington,Theodore Roosevelt,Abrahm Lincolin,Thomsa Jefferson faa irratti dhaaban.Jarii kun warra Amerikaa akka biyyaatti yayyabe.


Pirezidaanti Tiraampilleen achuma gaara sun biratti faaruu alaabaa biyyya isaa STAR SPANGLED BANNER jalqabsiise.Seeraa fi heera Amerikaa eegaa biyya bulchina jedhee karoora duula filannoo isaa ta itti aantu himate.

Warri yaada Tiraampiin falmu ammoo wannii inni achitti dubbate waan bulchinsa demokiraasii gara hamaatti geessu jedhe.


Hiriira mormii Amerikaan nama gurraacha miidhaa jiraate jedhanii mormaa bahan. Mormii tanaan soodduu Amerikaa hedduu diigan.

Tiraampi ammoo soodduu diiguun seenaa balleessuu jedhe. “Diidatti baafnee dubbanna, yaada badaa biyya diigu didnee dansooma biyya teennaa durattiin deemna,” jedhe.

Warrii soodduu abbotii waraanaa diigu akka Tiraampi jedhetti warra olaantummaa nama adii faarsuu fi akka garbummaan jiraattu fedhu jedhanii soodduu isaanii qaaarisuun seenaa balleessuu jedhe MT irratti dubbae, Tiraampi.


Soodduu tana caaccabsaa jennee ittiiyyuu hin dhiifnu.Warra jabaa fi janna kana irraa mataa kutaa jennee itti hin dhiifnu jedhe Tiraampi.

“Sooddun gaara Rushmore irrati dhaaban tun haguma jireennaa jiruu dhaabatti.Maan jennaan bilisummaa teennaaf akkana,” jedhe Tiraampi.

Hiriira dhiyoo Amerikaatit bahe irratti soodduu nama hedduu warra ilmee nama garboofatee gurgurate, olaantummaa nama adii qofa faarsee seenaa hamaa baduu male jedhanii caaccabsan.


Abbootii siyaasaa Tiraampi duula filannootiif gaara Rushmore dhufe jedhan.

Duula filannoo pirezidaantummaa Amerikaa amma itti jiran Joe Bidenenitti akka malee Tiraampi dura jira. Biden itti aanaa Obaamaa ka duriiti.

Lafa durii paartiin Tiraampi moo’aa baare Teksasii fi Mizoourii faalleetti Biden harka hedduu dura jira. Amerikaan Sadaasaa 4,2020 pirezidaanti filatti.isatti duuba jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG