Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Kibxata kaleessaa galgala haasawaa yaa’ii waloo kan Kongresiif dhiyeessaniin taarifa meeshaalee michoota daldalaa Yunaayitid Isteeits irra kaa’an haaraa faarsuu dhaan dabalataan dhufaa jira jechuun dhaadatan.
Biyyoonni ka biroon waggoota kurnaaf nu irra taarifa kaa’uutti fayyadamaniiru, amma dabareen kan keenya jechuu dhaan Tiramp haasaa isaanii jalqabaa kan marsaa hojii isaanii lammataa seera tumtootaaf dhageesisaniin beeksisaniiru.
Yunaayitid Isteetis Kibxata gara ganamaa meeshaalee biyyoota michoota daldalaa ta’an ijoo lama Kanadaa fi Meeksikoo irraa galu irra taarifa dhibba irraa harka 25%, kan duraan ture taarifa dhibba irraa harka 10% meeshaalee Chaayinaa irraa galan irra kaa’mee ture immoo dacha dabaluu dhaan dhibba irraa harka 20%tti ol erga ol guddisanii booda ture yaada kana kan kennan. Chaayinaan michuu daldalaa Yunaayitid Isteetis ijoo ishee sadaffaa dha.
Gabaan daldalaa addunyaa beekamaan kan Yunaayitid Isteetis akkaan gad kan bu’an yoo ta’u, biyyoonni sadan illee ijaa ba’uuf dhaadataniiru, kunis yaaddoo waraana daldalaa uumee jira. Tiraamp akka jedhanitti Yunaayitid Isteetis Ebla 2 michoota daldalaa Ameerikaa mara irra yoo taarifa nu irra kaa’an nutis irra kaa’uu jalqabna jedhan.
Taarifa isa kamiinuu yooo nuu baasan nutis akkasuma goona jedhan. Dilaala kamiinuu yoo nu irra kaa’an nutis dilaala irra keenya jedhan.
Tiraamp Aluuminiyemii, sibiila diimaa, mukaa fi oomishaalee sibiilaa alaa galan irra taarifa dhibba irraa harka 25% akka kaa’an illee dubbataniiru. Seera tumtoonni Dimokraatotaa fi kan Ripaablikaanotaa immoo hangi tokko hojii dhaa ari’uu fi dalagaalee mootummaa hanga tokko hambisuuf tarkaanfii fudhatame qeeqaniiru. Kana irratti oduu dhaa booda gabaasa bal’aa qabna.
Forum