Xurree ittiin seenan

Breaking News

Title: Moyaalee Keessatti Haleellaan Geggeessame Poolisii Dabalee Lubbuu Hedduu Galaafate


Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa, aanaa Moyyaalee, gandeen sadii keessatti walitti-bu’insi uumame hammaatee, Kaleessa galgalaa fi Har’a ganama Moyaalee keessatti geggeessamuu dubbatu, jiraattonni naannoo. Akka jiraattonni naannoo jedhanitti namoota akka baqattootaatti Bulchiisa Naannoo Somaaleetiin naannoo sana qubsiisaman tu haleellaa sana bane.

“Inumaa iyyuu jarreen haleellaa kana banan, miseensota Al-shabaab, kanneen waraana Itiyoophiyaa fi Keeniyaa dheessanii, Somaaliyaa keessaa gara sanatti godaansisamani” jedhu, jiraattonni kun. Itti-gaafatamaan Dhimma Koomiyunikeeshinii, ka Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa, Obbo Masfin Asaffaa garuu, walitti-bu’insi sun maal irraa akka madde koreen qoratu gara sanatti bobba’ee jira, jedhu.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG