Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaa fi Jaalalli Amantootaa Humna Jabaa Qaba jedhu Hoogganoonni Amantii


konferensii waldoota tokkummaa Oromoo MN
konferensii waldoota tokkummaa Oromoo MN

Konferensiin waggaa kan tokkummaa waldoota Kirsityaana Oromoo addunyaa 17ffaan kamisa darbe jechuunis Adoolessa 5 barra 2012 Minisootaa magaalaa Minneapolis keessa kan jiru waldaa Kirstiyaana Oromoo Minnesootaa keessatti Sirnaan banamee jira. Adoolessa ja’a sanbata galgala immoo galgala aadaa Oromoo jechuun amantoonni wayyaa aadaa uffachuu dhaan ayyaana sanaaf miidhagina addaa kennanii jiran.

Galgala aadaa Oromoo
Galgala aadaa Oromoo

Lubi waldaa kirsityaana oromoo Mimesootaa Luba Melkamu Nagarii konferensii sana eebbaan bananii jiran. Mata dureen konferensii bara kanaa “balbala banamaa Waaqayyo sii kenneera Eeyu illee cufuu kan hin dandeenye jedha”

Faarfannaan garaagaraa faarfattoota adda addaa akkasumas amantootaan faarfatamaa ture. Ayyanni baranaa adda kan isa godhu yeroo waldootiin rakkoolee uumamaniin addaan cabaa jiranitti si’a ta’u tokkummaa kana walitti fiduuf walii galteen amantootaa barbaachisaa ta’uu hoogganoonni amantii ibsanii jiran.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG