Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhibeen TB To'atamuu Qaba Jedhu Hirmaattonni Gumii Tokkummaa Mootummootaa


Dhibeen TB dhukkuba hamaa ittisuuf maallaqi itti hanqatu. Gumiin tokkummaa mootummootaa NY keessatti geggeessamaa jiru irratti kan irratti mari’atame dhimma ijoo keessaa ti.

Itti aantuu muummittii barreessituun tokkummaa mootummootaa amiinaa Mohammad akka jedhanitti dhukkubi kun hiyyummaa,jirenyi wal qixa ta’uu dhabuu, koolu galtummaa fi walitti bu’iinsa irraan kan ka’e hammaata. Dhibee kana to’achuuf waggaatti doolaarri biliyoonni 13 akka barbaachisu illee tuqaniiru.

Waggaa darbe dhibeen TB dhukkuboota daddarban ka biro caalaa namoota miliyoona 1.3 caalaa galaafate.

Namoonni dhibee kanaan haaraa qabaman kanneen miliyoona kudhan ta’an biyyoota hiyyeeyyee kanneen tajaajila eegumsa fayyaa argachuun murtaa’aa ta’e keessa kan jiraatan ta’uu jaarmayaan fayyaa addunyaa beeksisee jira.

Hoogganaan jaarmiyichaa Dr. Teedroos Adhaanoom gumii isaanaaf akka ibsanitti dhukkuba kana ittisuuf michummaatu barbaachisa jedhanii jarmyaan fayyaa addunyaa hojii kana hojjechuuf biyyoota maraa fi hawaasa waliin cicchaan hojjeta jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG