Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Namoota Seeraan Ala Nama Deddebisan Irra Uggura Kaa’e


Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa namoota seeraan ala nama deddeebisan kanneen koolu galtoota andaara Liibyaa dabarsanii gurguratan irra uggura sadarkaa addunyaa akka irra kaa’amu murteesse.

Namoonni ja’an kun afur lammiiwwan Liibyaa yoo ta’an lama lammiiwwan Eertraa ti. Kanneen kun caasaa yakkaa diriirsuu dhaan milishoota kanneen kooltu galtoota biyyootii Afriikaa uffee Saaraa gadii dhfuu dhaan galaana Mediteraaniyaan qaxxaamruuu fedhantti gargaaramaa turan.

Uggurri kaa’amu sun kaleessa kan hojii irra oole yoo ta’u herrega baankii isaanii akka hin sossoone akkasumas sadarkaa addunyaatti imala akka isaan hin geggeessine kan dhorku.

Golli naga eegumsaa yeroo jalqabaaf namoota seeraan ala nama deddeebisanii fi caasaa isaanii irratti tarkaanfii fudhate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG