Yemmuu biyyoottan hedduun lammiiwaan isaanii Sudaan keessaa baasudhaaf harifachaa jiraan kanaatti, dhaabbanni mootumootaa gamatoomanii akka Sudaan keessaa hin baanee barreessaan muummee dhaabatichaa Antooniyoo Guterees ibsaniiru.
Wixataa kaleesaa ibsaa magaalaa Niwuyoorik Keessatti kennanii, “Kaayyoon ykn kutannoon keenyaa hawwii egeree ummanni Sudaan nagaa fi Tasgabiidhaaf qabu degeeruudhaa” kan jedhan Antooniyoo Guteerees, balaan hamaan naannichaa sana mara midhuu umamuu akka danda’u akeekkachisaniiru. “ sudaaniin afaan allayyaa irraa boodaatii harkisuu qabna” kan jedhan bareessaan muumee Atooniyoo Guterees, biyyaaotan Kudha Shanan warreen miseensotaa mana maree nageenyaa kan mootummoota gamtomanii gareewwan walwaraanaa jiran lamman irratti, aangoo isaanii kan dhumaa fayyadamuu akka qaban gaafataniiru.
Lammiileen biyyaa alaa ergaa biyyattii keessaa bahanii raawwatanii boodaa Jeeneraalonni Walwaraanaa jiran lamman lola aangoodhaaf taasisa jiraan baldhisanii itti fufuu danda’u sodaan jedhu jiraachuu isaa oduu kana irraatti dabalataan ibsameeraa.
AP/BD/DHW
Forum