Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Walii Galtee Itiyoophiyaa Fi Eertraa Simate


Itiyoophiyaa fi Eertraan dilabata kaleessaa Saaud Arabiyaa keessatti walii galteen mallatteessan hariiroo biyyoota waggoota 20f wal waraanaa turan daran kan cimstu ta’uun gabaasame.

Walii galteen kaleessaa kun bakka mootichi Saaudii Salman fi muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteres argamanitti mallatteeffame. Muummichi barreressaan walii galtee kana ilaalchisuun akka jedhanitti Prezidaantii Eertraa fi muumicha ministeeraa itiyoophiyaa gidduutti walii galteen mallatteessamuun walitti bu’iinsa kurna hedduuf ture xumuraan waan ga’eef dhugumatti walii galtee seena qabeessa.

Yero walitti b’iinsi utuu addaan hin citin belbelaa jiru kanatti walii galteen kun mallatteessamuun hiika guddaa qaba.

Mootummaan Saaud Arabiyaas addunyaa jeeqamaa jirtu kana keessatti nageenya buusuuf yaalii nuti goonu keessatti hojii guddaa kanaaf dhuga baatota akka taanuuf carraa waan nuu uumeef hedduu galateeffachuun barbaada jedhan.

Walii galteen Jeddah sun nageenya uummata Eertraa fi Itiyoophiyaa akkasumas nageenya naannoof qooda ol aanaa kan qabu ta’uun beekamee

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG