Xurree ittiin seenan

Breaking News

Torban Jalqabaa Kan Waggaa Haaraatti Sagalee Kenniina: Shaak Shumar 


Hogganaa Seeneetaa kan sagalee yayyabaa Shaak Shumar
Hogganaa Seeneetaa kan sagalee yayyabaa Shaak Shumar

Prezidaantiin Amerikaa Baaydiin Karoora baasii seeftii Neetii kan hawaasummaaf baasan irratti, jalqaba waggaa haaraa torban lama booda seenutti, seeneetnii sagalee kan kennu ta’u, hogganaan seeneetaa kan sagalee yayyabaa Shaak Shumar har’a beeksisanii jiru.

Kanas kan jedhan Deemokraatoota keessaa tokko ani karoora kana hin deggeruu eega jedhanii booda.

Xalayaa waahilootaisaanii kan Demookraatotaaf erganiin shumar, karoora Triliyoona 2 kan prezidaantiin Deemookraatootaa dhiyeessan, miseensii paartii walfakkaataa hin fudhadhu jechuun mufachisaa fi milkaa’iina dhabuu dha jedhan.

Silaa ayyaanni Gannii Muddee 25 sambata fullee keenya kabajamuu itii hin dhaqqabiin dura raggaasifamuu qaba ture.

Duubatti harkifachuunis ta’e dhimmi dhiyeenya kana labsamaa jiran waan gara fuula duraatti nu tarkaanfachiisu yaaluu irraa nu danqanii jiru jedhan.

Garu callifnee abdii hin kutannu.Maatii namoota hojjatanii bulaniif waan kennuu qabnuuf falmuu itti fuufna jedhan Shumar.

Manni maree bakka bu’ootaa karoora baafame kan raggaasisuun isaa ni yaadtama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG