Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay Daangaa Ceenee Loluu Dandeenya Jedha


Magaala Maqalee (suuraa faayilii)
Magaala Maqalee (suuraa faayilii)

Umnii loltoota Tigraay diinotaa isaanii naannoo Amaaraa fi Eertiraa keesaa jiran akka faana bu’an dubbi himaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay/ TPLF obbo Geetachoo Raddaa dubachu isaanii maddi oduu Rooyiters gabaseera.

Akka gabbain Rooyiter jedhutti waraanii umnii Tigraay Mootummaa Itiyoophiyaa waliin lolaa taasisa jiru yoo barbaachisaa ta’ee daangaa Eertiraa fi daangaa naannoo mootummaa Amaaraa keessa galee lolu hin danda’a.

"Kaayyoon keenyaa inii duraa umna diina keenyaa dadhabsiisudha. Yoo Eertiraa dhaquun barbaachise, yoo naanoo Amaaraa dhaquun barbaachisee waan fedhe yoo gafateyuu hin deemna," jechuudhaan bilbilaan dubbachuu isaanii Rooyiters gabaseera.

Gama biraatiin Ministarri odeeffannoo Ertiraa, Yemaanee Gabre-Masqel, fuula Twitarii isaanii irratti dhaamsa barreessaniin, “Hamtoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay fi gargaartonni isaanii wanta jiru seenaa ammayyaa irraa dubbisuu hin danda’an. Addawwan waraanaa Igri-Metkel, Adi Bagio fi Asab fi Tsooranaa irratti bara 2016 fi amma gaaga’ama waraanaa mudate irraa jechuu dha. Akkasuma, “dorgommiin xumurame” jechuu hiika isaa, kallattii isaa fi maal akka inni agarsiisu hin hubatan, jechuu dha, jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG