Mana maree murtii seeraa Yunaayitid Isteetis keessatti a qorannaa aangoo irraa kaasamuu Traamp ilaalchisee danqaan jiru itti fufee ennaa jiru kanatti prezidaant Doonaald Traamp seera tumtoota dimokraatotaa balaaleffachu itti fufanii jiru.
Dimokraatonni, nageenya biyyaaf balaa jechuu dhaan dhimmi isaa hatattamaan gara Senetiitti akka darbu barbaadu, hamoota waan ta’aniif waan fedhan dubbachuu danda’u jechuu dhaan Traamp ergaa twitter irratti maxxansaniin ibsaniiru. Roobii torban darbee kan dimokraatotaan dhuunfatame manni maree bakka bu’oota uummataa keeyyata lama kan qorannaa aangoo irraa kaasuu ilaalchisee jiruu fi Traamp irratti dhiyaate raggaassisuun isaanii ni yaadatama.
Seenaa biyyattii waggoota 243 keessatti prezidaantii Yunaayitid Isteetis aangoo irraa kaasamuuf qorannaan irratti geggeessame isa sadaffaa dha.