Donald Trump musliimota US seenaniif duruu as jiraataa jiran irratti qorannaan addaa akka geggeessamu yaada dhiyeessuu isaaniif kana dura qeeqamanii jiran. Jechi isaanii cimaa ta’e kun erga haleellaan shororkeessotaa paris fi Califonia irratti raawwatee as deggersa guddaa qabaatee ture.
Kaleessa immoo yaadi isaan dhiyeessan xiqqoo karaa kan gad dhiisee fi faallaa heera US jechuun White House beeksisee jira.
Afaan yaa’iin mana maree bakka bu’ootaa US Paul Rayan yaadi Trump dhiyeessan amala Ameerikaa akka hin ta’in hubatanii jiran.
Giti isaanii kaadhimamaan presidentii Republikaantichi Ted Cruz yaada Trumpin ni mormu garuu qeequu irraa of qusatan.
Trump Ameerikaaf ilaalcha kennuuf daangaa keenya eegsisuuf ka’uu isaanii nan deggera jedhan. Demokratonni US fi kanneen biroon yaadi Trump akkuma finxaaleyyiin barbaadan biyyattii addaan qooduu mala jechuun akeekkachiisan.
Naannoo addunyaatiis ergaan Trump kun faallaa dimokraasii, loogii sanyii kan oofu madaala kan hin qabaanne ta’uutu ibsamaa jira. Keessumaa biyyoota Musliimaa keessaatti illee mormii geessiseera. Michuu US kan taate kan akka Turkey biraa qeeqa dhaqabsiisee jira.
Musliimonni miliyoona ja’a ta’an Ameerikaa keessa kan jiraatan ennaa ta’u irra hedduun isaanii lammiiwwan biyya kanaa ti. IS-tti duluuf malli isaa musliimonni US akka hin seenne ugguruu dhaan miti. kun dhiittaa mirga namaa fi faallaa dimokraasii ti. Rakkoo kan uume Islaama utuu hin taane, finxaalessummaa dha jedhan. Hoogganaan dhimmootii mirga namaa kan Tokkummaa Mootummoota Zeid Raad al-Hussein yaadi Trump dhiyeessan walumaa gala itti gaafatamummaan kan itti hanqate jedhan.