Xurree ittiin seenan

Breaking News

Twitter Sagalee Deggertoota Koo Ukkaamse Jechuun Mootumman Itiyphiyaan Himatte

Dubbi himtuu waajjira muummicha ministeeraa Bilenee Siyyuum (Suuraa faayilii)
Dubbi himtuu waajjira muummicha ministeeraa Bilenee Siyyuum (Suuraa faayilii)

Dhaabi miidiyaa hawaasaa guddichi Twitter, wal waraansa suukaneessaa waggaa tokko oliif ture keessatti lola oofaa ka jiru garee riphee lolaa Tigraay namoota qeeqan akkaawntii isaanii ugguruu isaaf Itiyoophiyaan komee dhiyeessitee jirti jechuu dhaan dubbi himtuun mootummaa kan ta’an kibxata kaleessaa dubbataniiru.

Mootummaa muummiccha ministeeraa Abiy fi ABUT gidduutti walitti bu’iinsa uumame beeksisuuf gareen lamaan miidiyaa hawaasaa gargaaramuu isaanii falmiin geggeessamaa jiru ni ibsa.

Dubbi himtuun waajjira muummicha ministeeraa Bilenee Siyyuum ibs tuuta oduuf kennaniin, twitter sagalee deggertoota Itiyoophiyaa kanneen dararaa fi kijiba TPLF hubannoo kennanii ukkaamsuu irratti fuuleffate jennee amannuuf sababaa qabna jedhan.

Kanas twitter, waaltaleen dimokraasii fi dhaaboliin adda adda akkuma deggertoota TPLF jidduu isaanii seenan dhaaba kana jidduus seeneerra jennee kan amannu ta’uu garee imaammata dhaaba twitterf ibsineerra jedhan Bileneen. Booda irras AFPf ibsa kennaniin komee sirnaa Twitter-f ergineerra jedhan.

Kan wal waraansa sana keessatti Abiyyiin deggertu biyyi hollaa Eertraan, naannoo wal waraansa sana ilaalchisee marii Itiyoophiyaa fi mootummaan Eertraa qabxiilee irratti mari’atan kan gabaasu New Africa Institute jedhamuu fi daayiriktera isaa olaanaa Simoon Tesfamariam illee Twitter isaa ugguruu komee dhiyeessitee jirti jedhanii, sagaleen deggertoota Itiyoophiyaa kami akka uggurame garuu hin ibsine.

Simoon loogii siyaasaa irraa gabaasaalee walaba ta’anii fi kan kijibaa dura dhaabbachuuf qorannaa inni geggeessuuf gabaasaalee madaala isaa eege dhiyeessuu isaaf galatatu ta’aaf jechuu dhaan dubbi himaan mootummaa Eertraa Yemaanee Gerbremeskel twitter irratti barreessaniiru. Uggurri twitter raawwate kun sirrii waan hin ta’iniif qorannaa hatattamaa barbaada jedhan.

Dubbi himaan Twitter akka jedhanitti akkaawuntiin Simoon kan uggurameef qajeelfama jiru cabsuu akkasumas miidiyaa hawaasaa sana ergaa sirrii hin taanee fi imaammata keenya faallaa waan deemeef jedhan. kunis akkaauntii hedduu banuu dhaan yaada wal dha’aa fi barreeffama namoonni hedduun maxxansan fakkeessuu dha jechuu dhaan dubbbi himaan kun dubbtanii, twitter loogii siyaasaa irraa walaba jedhan.

This item is part of
XS
SM
MD
LG