Xurree ittiin seenan

Breaking News

U.S prezidaantiin Hunduraas duraanii akka dabarfamanii kennamanuuf gaafatte


Suuraan poolisii biyyattii irraa argame kunPirezdaantii Hunduraas duraanii poolisootan qabamanii yeroo deeman agarsiisa
Suuraan poolisii biyyattii irraa argame kunPirezdaantii Hunduraas duraanii poolisootan qabamanii yeroo deeman agarsiisa

Prezidantiin Hunduraas duraanii Ju’aan Orlaandoo Hernaandeez akka dabarfamanii kennaman Yunaayitid Isteets gaafachuu ishee haanga’oonii Hunduraas himaniru. Yunaayitid Isteets prezidaantii Hunduraas Duraanii yakka qorcha sammuu namaa adoochu daldaluutiin walqabatee kan barbaaddu yemuu ta’u manii Ju’an Orlaandoo Hernaandeez magaala gudicha biyyatii Teegusigaalpaa keessatti argamu poolisootaan marsamuun isaa gabaasameera.

Ministeerri dhimma alaa Hunduraas Embaasiin Yunaayitid Isteets namoottan siyaasaa biyyatti qabamanii akka dabarsamanii kennaman gaafachuu isaa akka manamurtii muumee biyyatiif ibsan fuula tiwuutarii isaanii irratti beekisisaniiru.

Ju’an orlaandoo Hernaadeeze garuu maqaa hin dhoofne.

JI’a Amajii baranaa keessaa seenaa hunduraas keessatti Prezidaantii dubartii jalqabaa kan ta’an Ziyoomaaraa Kaastrootiin kan bakka buufaman Ju’an Orlaandoo Hernaandeez miseensaa parlamaa Amerikaa walakkeesaa(central American Parliament) waan ta’aniif akka dabarfamanii hin kennamene Mirgaa qabu jechuudhaan abukaatonni isaanii falmii dhiheessaa jiru.

Abbootiin murti Mana murti haqaa muumee fi mana murti olaanaan Hunduraas walgahanii abba murti gaafii prezidaantti biiyyatti duraanii dabarsanii keenuu ilaalu ramaduuf deemaa jiru.

Abbaan alangaa Yunaayitid isteets bara 2019 magaalaa Niwu Yoork keessatti yakka qorcha qaama namaa adoochu daldaluutiin walqabatee himannaa obboleessa isaanii irratti bane keessatti prezidaantii Hunduraas yeroo sanaa Ju’an Orlaandoo Hernaandeez dabaluun isaa gabasaamee jera.

Prezidaantichii yaakka ittiin himatamaa haalaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG