Ugaandaan walii galtee liqaa chaayinaa waliin tolfatte kabajuu waan dadhabdeef jecha, dirree xayyaaraa sadrkaa addunyaa qabduu tokkitti Chaaynaan to’achuuf jirti oduu jedhu aangawoonni Kaampaalaa fudhatama dhabsisanii jiru.
Embaasiin Chaayinaa kan Ugaandaa keessa jiruus gabaasa kana fudhatama dhabsisee jira.
Garu xiinxaltonni akka jedhanti Ugaandaan akka walii galtee tolfameetti, liqaa irra jiru hin baaftuu taanaan, rakkoo dha.
Gabaasaaleen mediyaa kan nannoo akka jedhanti, dirree xayyaaraa Ugaandaa tokkitti sana babal’isuuf jecha liqaan Chaayinaa irraa fudhatte Miliyoona 200 baasuu dadhabuun ishee, dirree xayyaaraa sana ishee dhabsiisa.
Akka galmeelee midiyaan naannoo qoddatan jedhutti, liqaa bara 2015 fudhattee kan ilaaleen waliigaltee biraa irra deebitee dubbachuuf gaaffii Ugaandaan dhiyeessite Chaayinaan fudhatama dhabsiiftee jirti.