Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ugaandaan Hanqinni Boba’aa Hamaan Ishee Mudachuun Gabaasame


FAAYILIi - Buufata boba'aa petrool magaala Kaampaalaa, Ugaandaa
FAAYILIi - Buufata boba'aa petrool magaala Kaampaalaa, Ugaandaa

Lammiiwwan Ugaandaa hanqina boba’aa kan gatiin isaa akkaan qaalii ta’een rakkataa kan jiran yoo ta’u, kaleessa konkolaattonni fe’umsaa dhibbaan laka’aman illee naannoo Keeniyaa waliin wal dangessu irratti danqamanii jiraachuun gabaasamee jira.

Ministeerri enerjii Ruut nankabirwaa akka jedhanitti konkolaattonni daangaa irratti danqamuun kan mudate, angawoonni gumurukii skaanerii isaan ittiin konkolaataa sakatta’an kan hin hojjenne ta’uu isaa fi kan dirqii ta’e qorannaa COVID-19 irraan kan ka’e.

Shofeeronnis daangaa Ugaandaa gama bahaa irratti angawoonni dirqii dhaan qorannaa vaayiresii koronaa geggeessamuuf toora dheeraa ture ilaalchisee komee dhiyeessanii jiran.

Konyaa gama dhiyaa Hooyimaa, bakka tuullaan boba’aa jalqaba jaarraa kanaa argame keessaa, boba’aan liitiriin tokko doolaara $3.40 (12,000 Ugandan shillings) yoo ta’u duraan boba’aan liitiriin tokko hanga $1.3 (shingii Ugaandaa 4,000) ture.

AFPn akka gabaasetti biyyattii kaabaa fi gama dhiyaa keessaa boba’aan dhabamee jira. Nankabirwaa-n akka jedhanitti kanneen boba’aa gurguraan uummata Ugaandaa hatuu hin qaban. “Dinagdee walabaa akka hordofnu nan beeka, gatii meeshaalee gurgurtaa murteessuuf haala gabaatu murteessa garuu boba’aa litirii tokko shilingii 4000 irraa 12,000n ga’uun hattummaa dha jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG