Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ugaandaan Sababaa COVID-19n Manneen Barnootaa Cufamanii Turan Bante


Ugaandaan maneen barnootaa ishee sababaa vaayiresii koronaan waggoota lamaaf cufamee ture ji’a kana keessa bantee jirti.
Ugaandaan maneen barnootaa ishee sababaa vaayiresii koronaan waggoota lamaaf cufamee ture ji’a kana keessa bantee jirti.

Irra hedduun barattootaa mana barnootaatti kan deebi’an yoo ta’u ka biroo hedduunis sababaa hiyyummaa fi maatii isaaniif galii argmsiisuuf jecha hin deebi’in hafaniiru.

Ugaandaa keessaa manni barnootaa kan jalqabame Amajjii 10 ture. Mootummaan ijoolleen martinuu mana barnootaatti akka deebi’an gochuuf duula mana barnootaatti deebi’uu jedhu kan ji’a tokkoo jalqabee jira. Ministeerri barnoota ijoollee mana barnootaatti deebi’an irratti kaffaltiin akka itti hin daballe qajeelfama baasee jira.

Ministriin barnootaa kan manneen barnootaa sadarkaa duraa Jooyis Moruukuu Kaduusuu akka jedhanitti kanneen gatii mana barnootaa baasuu hin daneenyee ijoolleen isaanii barnoota itti fufuu isaanii mirkaneessuuf mala ka biroo barbaaduu qabu jedhan. Maatiin hangi tokko maallaqa hin qaban, garuu midhaan qabu. Kanaaf manneen barnootaa midhaan sana fidanii maallaqatti akka jijjiiran gaafataniiru jedhan.

Jarmayaan gargaarsa daa’immanii kan UNICEF akka jedhetti ennaa manni barnootaa cufamee turetti , giddu galeessaa barattootnni Ugaandaa kanniin miliyoona 15 ta’an sa’aatii barnootaa ji’a tokkotti biliyoona 2.9 dhabaniiru jedhee jira jedha gabaasi Haliimaa Atumaanii Kampaalaa irraa ergite.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG