Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ugaandaan Meeshaa Ittiin Faalama Qilleensaa To’attu Hojjatte


Qorataa Ugaandaa meeshaa haaraa kalaqame to'achaa jiru, Kampaalaa, Caamsaa 27, 2022
Qorataa Ugaandaa meeshaa haaraa kalaqame to'achaa jiru, Kampaalaa, Caamsaa 27, 2022

Qorattonni Ugaandaa haala qilleensaa akkaan faalamaa ta’e keessatti meeshaa qulqulliina qilleensaa ittiin hordofanii fi gatiin isaa xiqqaa ta’e hojjatanii jiru.Falama qilleensaa dabalaa dhufe meeshaalee ittiin to’atan gatii guddaan biyya alaa irraa galchuu sana hambsuuf jira.

Ummanni Miliyoona 2 kan keessa jiraatu magaalaan galma mootummaa Ugaandaa Kaampaalaan, addunyaa irratti magaalaalee faalama qilleensaan guddaa qabu jedhaman keessatti argamti.Faalamnii qilleensa magaalattiis isa sadarkaa faalamaa jaarmayaan Fayyaa Addunyaa gabaaseee bara 2021 baasee irra dacha 7 dabalee jira.

Qorannaa Yunivarsitii Makerere keessatti gaggeeffame kan hogganan Injiinar Bainomugisha akka jedhanti, sadarkaa addunyaatti faalama qilleensaa waliin wal qabatee lakkoobsii namoota du’anii dabalaa adeemuutu meeshaa kana hojjachuuf nu kakaasee jedhan.

Ugaandaa keessatti namoonni 28,000 ta’an waggaa waggaan faalama qilleensaan akka du’an qorannaan gaggefefame hubachisee jira.Meeshaa haaraan faalam qilleensaa ittiin hordofan fi amma argamee tokkoon isaan Doolaara 150 kan baasisuu yoo ta’u duraan biyyattiin Amerikaa biraatokkoon isaa Doolaara kuma 30n Ugaandaan galfataa turte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG