Onkolooleessaa fi sadaasa dabree magaala Kaampaalaa fi iddoo biraa biyyatti keessaatti, dhohiinsa bombii dhaqqabeef Ugaandaan Kamiisa kaleessaa namoota 15 baatii himattee jirti.
Balaa dhaqqabee Kanaan yoo xiqqaate namnii 6 kan ajjeefamee yoo ta’u, himannaan irratti dhiyaatees shoroorkeessummaa fi shoroorkeessuummaa deggeruu kan jedhu akka dabalatuu ibsamee jira.
Sadaasa gaafa 16 ganama of-wareegaan tokko buufata polisii kan magaala Kaampaalaa keessa karaa itti seenan irratti balaa bombii geesisuun ofiis of ajjeesee.Daqiiqaa 3 booda immoo, daandii gara paarlaamaa biiyyatitti geessu irratti of wareegdonni lama balaa bombii dhaqqabsiisan.Balaa iddoo lamaan kanatti dhaqqabee yoo xiqqaate lubbuu nama 4 galaafatee kurna hedduu madeesse.
Balaa bombii lama kan baatii Onkolooleessa keessa dhaqqabeen immoo, yoo xiqqaate namnii lama kan ajjeefamee yoo ta’u, balaan kun inni tokko mana nyaataa keessatti inni kaan immo Awutoobuusa irratti dhaqqabe.
Riphxee looltoota biyatti waliin hidhata kan qabu gareen Islaamiik Isteetes balaa Sadaasa 16 dhaqqabee akkasumas isa mana nyaataa keessatti dhaqqabeef itti gaafatama fudhatee jira.