Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ugaandaan pirezidaantii filachuutti jirtii filannoo fi mormiilleen waluma keessa


Uganda, elections
Uganda, elections

Filannoo pirezidaantummaa Ugaandaa jaarsaa fi kahimatti wal dorgomuutti jira. Bobi Wine nama ganna 38 keessa jiru Yuwerii musiveenii nama ganna 76ti marroo jaheessoof dorgomuutti jira.

Wine filannoon karaa qajeelaa irraa gortee ummatii daba kana ufiifii diduu hinuma dandaha jedha.Haataatuu ammoo moohannaa labsachuutti jira.Waraanii biyyaallee hardha mana itti oli dude.

Akka gabaasa jiruutt Yuweerii Musiveenii harka 65 Wine ammoo harka 28 argatee dura jira.Akka Wine jedhetti filannoo seera filannoo dhabde akkanaa arganii hin beekan biyya isaaniitti.

Doorsisaa fi rakkoo hamtuu keessa jirti jedha.“Abdii qamnee filannoollee haga ammaatti nutti harka guddaan abbaa irree moo’e.Akka ummatii Ugaandaa maqaa balleessii tana didu dhaamadha.Jeneraal Musiveenii fi warrii akka isaa irreen nama bulchu fedhu ammallee ummata Ugaandaa irratti ufi fahuu fedha.”

Bulchootii wannii isaanii interneetii cufaniif dhgiaa jirtu dhossuuf akka jecha isaatti.Oduu himaan Koomishiinii Ugaandaa,Paul Bukeenyaa ammoo dharaa fi raga malee abbaa filannoo moohatellee hin labsinee abbaan ammoo huji teenna falmu falmu hin dandahaa jedhe.

Oduu himaan paartii Musiveenii ummatii eennummaa isaanii waan beekuuf ufi hin shakkinu jedha.Tokkummaan Mootummootaatllee filannoo tun qajeeltuu tahuu hin dandeettu jedhee baase.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG