Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota lama Kenneen Dho'iinsaa Ugandaaf Shakkaman Poolisiin Suraa isaanii Ifa Taasise


Suuraalee of-wareegdota lameen dho'insawwan sanatti shakkamanii
Suuraalee of-wareegdota lameen dho'insawwan sanatti shakkamanii

Poolisiin Ugaandaa dho’insa sana ilaalchisuun ibsa baaseen, kanneen dho’insa sana raaw’atan namoota badanii-balleessuutti muratan lama tahuu beeksisee, lammiwwan Itiyoophiyaa shakkiin qabaman garuu walaba gad-lakkisamuu isaanii mirkaneessee jira.

Ajajaan poolisii Ugaandaa, Kaalee Kaayihuraa waa’ee reeffota haleellaa sanatti shakkamanii ennaa ibsan, reeffoota namootaa bakkawwan dho’insaa lameen irraa walitti-guuraman keessaa, reeffota namoota lameenii ka barbaacha dhufe hin jiru.

Suuraan fuulawwan namoota lameenii walitti-suphamanii, kan marsariitii yokaan marsaa interneetii poolisii adamsitoota yakkamaa, kan Interpool irratti argaman guutmmaatti tahuu dhaa baatus eenyummaa namoota sanaa akka agarsiisan himamee jira.

Namni duraa ka fuula ifaa qal’aa, Somaalee dabalatee nama Gaanfa Afrikaa fakkaatu yoo tahu ka lammataa immoo, fuula bal’aa ka duraa irra gurraacha’u, fuula namoota yeroo baay’ee ardii ka biraa keessatti argamanii ti.

Ajajaan Poolisii Ugaandaa sun Qaamawwan mormaa olii, ka namoota lameenii sun kan of-wareegdota boomiilee torban dabree sana dhoosanii tahuu mirkaneessanii dubbatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG