Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uggurri Mootummaan Labse Hin Hojjenne-Masrii


Mootummaan uggura kaa’uus mormiin itti fufee jira. Waltajjii Tahriir irratti walga’uun guyyaa har’aa jedhu hiriirtonni “ guyyaa gadhisanii deemuuti ” mubaarakiifi !

Darbee darbee dhukaasa dhaga’amu irraa kan hafe hirirrii jimaata har’a nagaa ture jedhma. Namonni waltajjii Tahiriir seenan waraqaa eenyumaa gaafatamu. Sakatta’uun kunis yeroo dheeraa kan fudhatee ta’uutu dubbatama. Helikooptarri immo samii irraa haala jiru faana dhahaa oole.

Kanneen Mubaarak deggeran waltajjii Tahriir akka hin sennee dhorkaman. Kanaaf jecha watajjii "Musxafaa Mahmoud" jedhamu irratti hiriiran.

Hiriirtonni mootummaa irratti mormii dhagesisaa jiran kun prezidaant Mubaarak hanga aangoo irraa bu’antti achuma turra jedhu.

Prezidaant Mubaarak Televiziyoona Amerikaa ABC jedhamuuf akka ibsantti, aangoo gadhiisuu nan fedha, garuu yoon kana godhe biyyattiin jeeqama keessa buuti jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG