Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiyyummaa Addunyaa Irraa Dhabmsiisuuf Daran Hojjetamuu Qaba jedhan Obaamaan


Preszidaant Baaraak Obaamaa
Preszidaant Baaraak Obaamaa

President Barack Obamaan gumii tokkummaa mootummootaa kan tokkummaa mootummootaa irratti haasaa dhageessisaniin addunyaan hiyyummaa naannoo addunyaa dhabamsiisuuf hedduu hojjechuu qaba jedhan. Ministeerri dhimma alaa Ertraa fi muummichi minsiteeraa Itiyoopiyaa H/Mariam Desalenyis kanneen gumii kana irratti kaleessa haasaa dhageessian keessaa ti.

Yeroo ammaa dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen miliyoona 800 ta’an guyyaatti doolaara 1.25 gad argatu. Mee kana yaada. Garaan isaanii duwwaa dha. Namoonni akka keenyaa biliyoonaan laka’aman dhukkuba nuti attamiin akka dhabamsiisnu beeknuun du’aa jiru. Kun yakka jedhan Obamaan.

Hoogganoonni addunyaa galmaawwan misoomaa raggaasisuuf wal ga’an. Kanneen keessaa hiyyummaa dhabamsiisuu, wal qixxummaa saalaa galmaan ga’uu kan jedhan President Obamaan bara 2030tti galmii misoomaaf ajendaan jiru balaa biyya ofii kan akka bulchiinsa naannootti yoo duulan malee galma ga’uu hin danda’u jedhaniiru.

Guddinni dinagdee fi misoomaa kan dhugumatti waarinsa qabu kan hundaa’u mootummaa fi waaltaalee uummata isaaniif quuqaman, kanneen itti gaafatamummaan itti dhag’amu, mirga namaa eegan akkasumas haga tokko qofaaf utuu hin taane haqi nama hundumaaf akka jiraatu kanneen godhan irratti.

Malaammaltummaan maallaqa manneen barnootaa, hospitaalotaa fi caasaalee adda addaaf oolu herrega biyyootii alaatti akka galu taasisan. Mootummaan ifaa fi banaa ta’ee fi qajeelfama seeraaf bitamuu qaba jedhan.

Ministeerii haajaa alaa Ertraa Usman Salehs kaleessa gumii TM irratti haasaa dhageessianii jiran. Mootummaan Ertraa galmee mata dureen isaa addunyaa kana jirjjiiru jedhu kan bara 2030tti misooma waarinsa qabu fiduu jedhu ni simata jedhan.

Ojii irra oolchuufis hawaasa addunyaa cina ni hiriira jedhan.

Cichaa fi hawwii ertraan hiyyummaa dhabamsiisuuf qabudu siriitti calaqqisa galmeen kun. Erga bara 1993 Ertraan walabummaa ishee gonfattee as mootummaa fi uummatichi kan fedhii uummataa giddu gala godhate ajendaawwan siyaasaa, kan hawaasummaa fi misoomaa hedduu raggaasisanii jiran.

Cicha siyaasaa hoogganni biyyattii qabuu fi hirmaannaa uummataan, fincila mootummoota haga tokkoo fi uggurri haqa malee nu irra kaa’amu illee Ertraan gama maraan ba’ii ol aanaa galmeesistee jirti.

Ba’ii Ertraan galmeessiste ajensiiwwan TMn ajaaifamaniiru jechuu dhaan kan akka du’a ijoollee, HIV fi dhibee busaa fi dhukkuba daddarban kanneen biroo gad xiqqeessuuf galma jiru jalqaba bara 2013 qabee bakkaan geesseetti jedhan.

Gumii kana irratti kaleessa haasaa kan dhageessian keessaa tokko Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa H/Maariyaam Dessaaleny turan. Abdii nuti qabnu inni guddaan gumiin kun fedhii martinuun keenya addunyaa kana jijjiiruuf qabnu calaqqisuu dha jedhan. Ajendaan misooma waarinsaa kan bara 2030 kan inni gaafatus isa kana jedhan.

Hegereen keenya kan hundaa’u cicha nuti qabnu irratti kan jedhan obbo H/Maariyaam Desaleny hawaasi addunyaan akka yeroo ammaa hiyyummaa dhabamsiisuuf cicha cimaa qabaatee hin beeku jedhan.

Galma mileniumii guutu gama jiruun fooyya’inni argamu iyyuu amma illee rakkoon jiaachuu dubbatan.

Fooya’inni argamus amma iyyuu miliyoona hedduun kanneen laka’aman hiyyummaa fi beela keessa jiraatu. Tajaajila bu’uuraa hin argatan, adda addummaan hiyyeessaa fi dureessa gidduu jiru bal’achuu, qixxummaa saalaa dhabamuun itti fufee jira, jijiirami qilleensaa guddina danquuf walitti bu’iinsi guddina ilmoo namaaf rakkoo guddaa ta’ee jira. Kun immoo tarkaanfii hatattamaa barbaachisa jedhan.

Biyyi isaanii illee galma milieenyumii galmaan ga’uuf fuula duratti tarkaanfataa kan jiru ta’uu ibsanii baatilee haga tokko duras Finfinnee keessatti ennaa wal geenyetti ajendaa misoomaa haala attamiin akka hojii irra akka oolchinu walii gallee jirra geenyee kan jedhan muumichi minsiteera H/mariyaam ajenndaan sunis raawwatiinsa misooma waariinsa qabuuf murteessaa dha jedhan.

Walii galtee itti fufiinsa qabuu fi nageenya buusuuf cicha jiruun ajendaa jijjiiramaa jiru daran hojii irra oolchuu dandeenya jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG