Xurree ittiin seenan

Breaking News

UNHCR Baqattoonni Itiyoopiyaa Mooraa Sudaan Dhiisanii Ba’an Bakki Jiran HIn Beekamu Jedhe


Faayilii - Hojjattuu UNHCR baqattootaa Itoophiyaa galmeessaa jirtu, Sudaan Saaasa 23, 2020.
Faayilii - Hojjattuu UNHCR baqattootaa Itoophiyaa galmeessaa jirtu, Sudaan Saaasa 23, 2020.

Baqattoonni lammiiwwan Itiyoopiyaa kaneen mooraa Sudaan dhiisanii ba’an eessa akka jiran baruu kan hin dandeenye ta’uu jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa UNHCR beeksisee jira.

“ UNHCR akka jedhetti baatilee xiqqoo as lakkoobsi baqattoota Itiyoopiyaa mooraalee sana keessaa hanga tokko gad xiqqaatus kanneen gamasii ba’an garuu eessa akka jiran adda baafachuu kan hin dandeenye ta’uu ibsa baaseen beeksisee jira.

Mootummaan Itiyoopiyaa akka jedhetti, baqattoonni kun hangi tokko humnootii TPLF waliin hiriiranii daangaa naannoo Humeraa irratti lolaa jiran. Dubbi himtuun waajjira muummicha ministeera Itiyoopiyaa Billenee Siyyuum tuuta oduuf torban darbe ibsa kennaniin, mootummaan jalqaba wal waraansa sanaa, loltoonni TPLF, keessumaa kanneen fixiinsa Maayikaadiraaf itti gaafatamaniif biyya hollaa Sudaanitti baqatanii baqattoota gidduu dahatantu jiru jedhee jira jechuun Iskinder Frew gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG