Xurree ittiin seenan

Breaking News

UNHCR Dhimmi Baqattoota Somaliyaa Kanneen Itiyoopiyaa Na Yaaddesse Jedha


Jarmayaan gargaarsa daa’immanii kan tokkummaa motummootaa lakkoobsi namoota mooraa Dolo Ado kan Itiyoopiyaa keessaa sadarkaa yaaddessaa irra jira jedhe. UNHCR akka jedhetti sababaan du’a kanaa inni ijoon gifiraa fi beela irraan kan ka’e miidhaa hanqinni nyaataa fideen ta’uu kan shakku ta’uu beeksise.

mooraa Dollo Adoo kan Itiyoopiyaa jiru keessa baqattoota Somalia kanneen 118,000 ol ta’antu jiraata. Baqattoota kana keessaa kanneen kuma 78 ta’an hongee fi beela jalaa baqatanii Dollo Ado kan ga’an waggaa kana ture.

Dubbi himaan UNHCR Adrian Edwards akka jedhanitti xiinxala geggeessameen mooraa Dollo Addo keessa jiru afur keessaa tokko keessatti lakkoobsi Namoota du’anii hedduu ol ka’e.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG