Xurree ittiin seenan

Breaking News

UNHCR Mooraa Baqataa Tigraay Seenuuf Daandiin Naa Saaqame Jedhe


Faayilii - Baqattuu Ertiraa mooraa Mayi Ayiniitti galmaahaa jirtu, Amajjii 30, 2021
Faayilii - Baqattuu Ertiraa mooraa Mayi Ayiniitti galmaahaa jirtu, Amajjii 30, 2021

UNHCR, Jaarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa mooraa baqataa baqattoonni Eertraa keessa jiran kan naannoo Tigraay Maay Aayinii fi Adi Haruushiin seenuuf karaa argachuu beeksisee jira. Erga Adoolessa 13 qabee walitti bu’iinsi lolaa naannoo sana jiru hojjettoonni UNHCR gamas akka hin seenne ittisee ture.

Baqattoota 23,000 kanneen mooraa lamaan keessa jiraniif gargaarsi hatattamaa barbaachisu Hagayya 5 qabee raabsamuu jalqabee jira. Haa ta’u malee haala naga egumsa wal xaxaa ta’een gamas seenuuf haalli jiru murtaa’aa dha. Baqattonni immoo haala akkaan hamtuu keessa jiru.

Tajaajilli bu’uuraa kan akka kunuunsa eegumsa fayyaa, bishaan dhugaatiiqulqulluu amma iyyuu hin jiru. UNHCR baqattoonni Maay Aayinii fi Adi Haruus keessaa gara keellaa haaraa Alemwachi kan magaalaa Dabaat km 135 achi fagaatee jirutti akka darban gaafatee jira.

UNHCR fi dhaabbati baqattootaa fi baqaa deebi’anii kan Itiyoopiyaa Alemawaach keessaa hojii jiru xumuraa jiranitti, qubsummni hawaasaa Dabaat keessaa yeroo hatattamaaf qophaa’ee jira. Hawaasi naannoos baqattoota 126 gargaarsa dhiyeessuun gargaaraa jiran. Tobrbanneen darban keessa gargaarsa namoomaa Tigraayiif akka darbu haalli isaa fooyya’uun kan ibsame yoo ta’u, hojjettoonni UNHCR fi konkolaattonni gargaarsa fe’atan 12 Maqalee seenanii jiru.

Erga Hagayya 4 qabee UNHCR fi dhaabbati baqattootaa fi baqaa deebi’anii kan Itiyoopiyaa akkasumas jarmoliin gargaarsaa kan mootummaa hin ta’in, baqattoot Eertraa kanneen mooraa baqataa Shimelbaa fi HItsaats kan naannoo Tirgaay kaabaa jalqaba waggaa kanaa manca’an irraa gama Finfinneetti baqataniif waraqaa eenyummaa kan yeroofii kennuu jalqabanii jiran. Galmeen waggoota sadiif kenname kun baqattoonni kun tajaajila gargaarsaa fi eegumsi akka godhamuuf gargaara.

UNHCR itti dabaluu dhaan, qe’ee irraa buqqa’uun haaraan sababaa waraansaan naannoo Amaaraa fi Affaar keessaa isa yaaddisuu ibsee jira. Akka angawoonni naannoo fi waajjiiri qindeessa dhimmootii gargaarsa namoomaa tokkummaa mootummootaa tilmaamaitti uummanni 100,000 naannoo Amaaraa akkasumas kanneen 70,000 ta’an immoo Affaar irraa qe’ee irraa buqqa’aniiru.


UNHCR baqattoonni itti dabalaa Itiyoopiyaa irraa gara Sudaanitti bqataa jiraachuu ibsee jira. Baqattoonni 275 ol baatii darbe gamas kan seenan yoo ta’u, namoonni 900 Qimaant irraa karaa Agallabat ba’uun gara Sudaanitti baqachuun beekamee jira. UNHCR baqattoota Eertraa 96,000 fi kanneen biyya ofii keessatti Tigraay keessaa qe’ee irraa buqqa’an akkasumas baqattoota Itiyooppiyaa Sudaan keessa jiran kanneen 120,00 ta’an gargaaruuf doolaara miliyoona $164.5 gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG