Amerikaan bara 2020 pirezidaanti filatti. Amma ammo bulchoota magaalaa fi nama akka akkaa filachuutti jirti.
Filannoo kalee keessaa godina Mississipi dorgoman paartii Rippaabilikaanitti moo’e.
Filannoo bulchiinsa Virginia fi Kentucky Demokiraaitti galateen.Demokiraati bara hedduu asi bulchiinsa VA argattee hin beettu.
Jara bulchiinsa magaallan Minisootaa moo’ee keessaa lama ijoollee dubraa Soomaleeti; Saafiyaa Khalidi,Naadiyaa Mohaammad. Lamaanuu nama ganna 23ti.
Saafiyaan koree bulchiinsa magaalaa Lawistoniif dorgomtee moote.Waraana Sooamaleetiin baqatanii gaafa isiin ganna 7 Amerikaan dhufan.Koree bulchiinsa magaala tanaa harka 69.9 moote.
Naadiyaa Mohaammed diqqeennaan Minisootaa dhufte.Isiilleen waraana Soomalee baqattee baate. Dorgommii koree bulchiinsa magaalaa St.Louis Paarkii dorgomtee moote.
Amerikaan ganna dhufu pirezidanati filatti Senetii 100 keessaa 35 haara filachuuf jiran.
Mana marii ammo nama 435 filatama. Amerikaan senetii Senetiin ganna 6 hojjataa mana maree ammo ganna lama lamatti filan.