Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan Deebisee Filatamuu Prezidaant Obamaaf Deebii Kennaa Jiran


Biyyootiin naannoo addunyaa jiranis filatamuu president Barack obama simataa jiran. Hedduun isaaniis ba’ii filannoo kanaaf kan deebii kennan Washinton waliin hariiroo jiru cimsuuf hawwii qaban mul’isuun ture. Hedduunis ilma Afriikaa ittiin jedhan. kaan immoo presidentichi yeroo marsaa hojii isaanii duraa Afriikaaf hagas hin hojjenne kan jedhan illee jiran.

Biyya ofii keessatti duula siyaasaa hedduun isaan haa mudatu iyyuu malee president Obaman yeroo mara Kenyaa keessaa deggersa qabu.

Biyyi dhaloota Abbaa isaanii yeroo mara Presidenticha Ameerikaatti akka addaatti ittiin boonu. Lammiiwwan Kenyaas Obama akka kan ofii isaaniittiilaalu.

Presidentiin kenya Mwai Kibaki ergaa baga gammaddanii dhageesisaniin Kenyaan yeroo mara hidhata Obama qabaachuu isheetti ni boonti jedhan. Biyyoota ka biroo keessaa garuu deebisanii filatamuu presidentichaa kanneen madaala irra kaa’an ni jiran.

Namoonni hedduun VOAf ibsa kennan shakkii tokko malee Mitti Romnii irra Obama filatu garuu presidentichi waggoota arfan darban keessa Afriikaa irraanfatan jedhan.

Imaammati Ameerikaan Afriikaa ilaalchisuun qabdu dhimma leellistummaa Islaamummaa Somalia fi maalii ilaalchisee yeroo falmii presidentummaa waa xiqqoon dubbatamuu irraa kan hafe duula filannoo baranaa irratti hagas irratti hin fuuleffatamne.

gabaaa guutuu kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:00 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG